Finfinnee, Adoolessa 21, 2017 (FMC) – Tajaajilli Geejjibaa Galaanaa fi Loojistiksii Bidiruuwwan tajaajila geejjibaa Bishaanirraa kennan biyya keessatti walitti hidhuuf hojjetamaa jira jedhe.Tajaajilichi raawwii hojii bara 2017 ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kenneera.Tajaajilli Geejjibaa Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa bara baajataa 2017 keessa galii Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 8 ol argachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan tajaajilichaa Dooktar Bariisoo Amaloon himaniiru.Fooyyessi Diinagdee Gooroo Itiyoophiyaan hojiirra oolchite galiin dhaabbatichaa akka dabalu gahee olaanaa gumaachuu eeruun, keessattuu galii daldala alaa guddisuu keessatti qooda olaanaa bahachuu kaasan.Damee daddabarsa Fe’umsaan bu’aa olaanaan argamuu himan Dooktar Bariisoon.Tajaajilichi Xaa’oo Kuntaala miiliyoona 17 ol geejjibsiisuu dubbatan.Yeroo itti aanu Bidiruuwwan tajaajila Geejjibaa kennan biyya keessatti walitti hidhuuf wixineeffamuu ibsan.Alemsaggad Asaayyeetu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.