Birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojiileen sirna ce’umsa nyaataa giddugaleeffatan raawwanneerra – Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 21, 2017 (FMC) – Birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf tarsiimoo fi imaammata ifaa ta’e bocuun hojiilee ce’umsa sirna nyaataa giddugaleeffatan raawwanneerra jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.Oomishaalee biyya keessaa jajjabeessuun kanneen alaa galan oomisha biyya keessaan bakka buusuufi qonnaan bultoota sadarkaan jiran deeggaruun hojiilee hedduun hojjetamuu dubbatan Dooktar Abiy Ahimad haasawa Yaa’ii 2ffaa Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomaniirratti taasisaniin.Sirni nyaataa hammataa fi waara’aa akka ta’u hojjetamuu eeran.Imaammanni Nyaataa Itiyoophiyaan hojiirra oolchite qooda fudhattoota hunda kan hirmaachise ta’uu kaasan.Sirni soorannaa lammiilee akka fooyya’u, sirni nyaata madaallawaa fi birmadummaan nyaataa akka mirkanaa’uu hojiilee jajjaboon hojjetamuu dubbatan.Sagantaa maaddii guutuun bu’aan baadiyyaa hanga magaalaatti argame daran jajjabeessaa akka ta’e eeran.Waadaa Saqoxaa fi wixineewwan nyaataa biroon hojiitti hiikkaman jireenya miiliyoonootaa jijjiiruu ibsan.Sagantaa Ashaaraa Magariisaan hanga ammaatti biqilaan faayidaa olaanaa qaban biiliyoonni 46 ol dhaabbachuu kaasan.Itiyoophiyaan deeggartootaa fi qooda fudhattoota waliin ta’uun sirna nyaataa addunyaaf sodaa ta’aa jiru furuuf tattaaffii taasiftu cimsitee akka itti fuftu mirkaneessan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.Masaafinti Birilleetu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.