Yaa’ii 2ffaan Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii Finfinneetti taa’amaa jira

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 21, 2017 (FMC) – Yaa’ii 2ffaan Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii bakka hoggantoonni biyyoota garaagaraa argamanitti Finfinneetti taa’amaa jira.Ministira Muummee Xaaliyaanii Ji’oorjiyaa Meeloonii, Pireezidaantii Keeniyaa Wiiliyooma Ruutoo, Kan Somaaliyaa Hasan Sheek Mahammudii fi Kan Koomooroos Azaalii Asumaanii dabalatee Ministiroonni biyyoota adda addaa yaa’icharratti hirmaachaa jiru.Yaa’ichi Yaa’ii jalqabaa Sirna Nyaataa bara Adoolessa 2015 Xaaliyaanii Roomitti gaggeeffamerratti waadaa galame raawwii isaa ka’umsa taasisuun taa’amaa jira.Mootummoota, oomishtoota nyaataa, hawaasa Daldalaa fi qooda fudhattoota biroo gidduu tumsa jiru caalmaatti cimsuun ajandaa yaa’ichaa akka ta’e ibsameera.Ce’umsa sirna nyaataa ilaalchisee ciminootaa fi hanqinoota jiran ilaachisee gabaasni ni dhiyaata jedhame.Yaa’ichi ce’umsa sirna nyaataa fi filannoowwan Faayinaansii fi Invastimantiirratti bal’inaan mari’ataan eegama.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.