Finfinnee, Adoolessa 25, 2017 (FMC) –Kaawunsiliin Mana Amantaa Kiristaanaa Amantoota Wangeelaa Itiyoophiyaa fayyadamtonni Miidiyaa hawaasaa jechoota Jaalalaa fi Araarsoo ta’an dabarsuuf akka hojjetan waamicha dhiyeese.Amantoonni Wangeelaa Itiyoophiyaa Adoolessa 30 – Hagayya 2, 2017 tti soomaa fi kadhataan akka dabarsan kaawunsilichi ergaa dabarseera.Meeshaalee badii olkaa’uun garaagartee mariin furuu fi walitti bu’iinsa dhabaamsisuuf eeyyamamaa ta’uun murteessaa ta’uus hubachiiseera.Barreessaan Kaawunsilichaa Qees Darajjee Jaambaruun ibsa kennaniin, lammiileen Miidiyaa hawaasaa fayyadaman hawaasni caalmaatti akka walitti dhiyaatuu fi walkabajee nagaan akka jiraatuuf hojjechuu qabu jedhan.Haaluma Kanaan fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa ummanni hiyyummarraa bahuu akka qabu hubachuun, jechoota jaalalaa fi araarsoo ta’an dabarsuuf hojjechuu akka qabanis dhaamaniiru.Dursitoonni Amantaalee, Jaarsooliin biyyaa fi qooda fudhattoonni dhimmichi ilaallatu hundi gorsuu fi jajjabeessuun nageenya biyyaalessaa fi tokkummaan akka dhaabbatan itti gaafatamummaa haafuraa akka bahatan gaafateera.Amantoonni Wangeelaa akkuma kana dura raawwataa turan Guyyoota Qaammee nageenya biyyaaf, jaalala ummataa fi tokkummaa akkasumas guddina biyyaaf akka kadhatan waamicha dhiyeesseera.Natsaannat Tsaggaayeetu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok: https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna