Finfinnee, Adoolessa 21, 2017 (FMC) Hospitaalli Ispeeshaalaayizdii Waliigalaa Yunivarsiitii Walaayitaa Sooddoo tajaajila guutuu akka eegaluuf deeggarsi barbaachisaa ta’e ni kennamaaf jedhan Ministirri Nageenyaa fi Dura taa’aan Boordii Yunivarsiitichaa Mohaammad Idiriis.Obbo Mahaammad Idriis Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Waliigalaa Yunivarsiitii Wolaayitaa Sodoo balaa ibiddaatiin miidhame daawwataniiru.Miidhaa hospitaalicharra gahe kanaan gadda itti dhagahame kan ibsan Ministirri Nageenyaa, hawaasaa fi humnoonni nageenyaa balaa kana to’achuuf carraaqqii guddaa godhaniif galateeffataniiru.Hospitaalichi waggoota 97 kan lakkoofsise fi namoota hedduu tajaajilaa kan ture ta’uu yaadachiisuun, dafee gara tajaajila guutuutti akka deebi’uuf Mootummaa Naannoo Kibba Ityoophiyaa waliin ta’uun deeggarsi barbaachisaa ta’e akka godhamu mirkaneessaniiru.Maatusaalaa Maatewoostu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FBC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.