Finfinnee, Adoolessa 25, 2017 (FMC) – Baankiin Awaash baatii Adoolessaatti maamiltoota isaaf Doolaara miiliyoona 100 fi miiliyoona 25 ol dhiyeessuu ifoomse.Baankichi fedhii maamiltoota isaa guutuun cinaatti diinagdee biyyaa keessatti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu ibsuun, hanqina sharafa alaa furuuf qoqoodiinsa sharafa alaa irratti iftoominni akka uumamuuf itti gaafatamummaa isaa bahachaa akka jiru eere.Haaluma kanaan akka lakkoofsa faranjootaa Adoolessa 1-31/2025’tti gaaffilee maamiltoota isaa hedduu keessummeessuun sharafa alaa Doolaara miiliyoona 100fi miiliyoona 25 ol dhiyeessuu ibseera.Baankichi Doolaara miiliyoona 70 ol bittaa boba’aaf, Doolaara miiliyoona 55 ammoo bittaa meeshaalee bu’uuraa alaa galaniif dhiyeessuu beeksiseera.Dhiyeessiin fedhii sharafa alaa maamiltoota isaa guutuu danda’u jiraachuu eeruun, kaffaltiiwwan barnootaa, fayyaafi kanneen biroof dursa kennuun qoqqoodiinsa sharafa alaa taasisu cimsee akka itti fufu hubachiiseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.