Koorporeeshinichi galii Birrii biiliyoona 4 argate

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 22, 2017 (FMC) – Koorporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Itiyoophiyaa bara baajataa xumurame galii Birrii biiliyoona 4 argadhe jedhe.Koorporeeshinichi raawwii hojii bara baajataa 2017 gamaaggamaa jira.Bara baajatichaa oomishaalee alaa galan bakka bu’an oomishaaleen Birrii biiliyoona 18 olitti tilmaamaman Zoonii Diinagdee Addaa 11 fi Paarkiiwwan Indaastirii lama keessatti oomishamuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan koorporeeshinichaa Dooktar Fissahaa Yittaagasuun ibsaniiru.Dabalataan walitti hidhamiinsa gabaa Birrii biiliyoona 6 uumuuf karoorfamee kan Birrii biiliyoona 14tti tilmaamamu uumamuu eeran.Lammiilee kuma 48 fi 900’f carraan hojii uumamuus kaasaniiru.Oomishaalee alatti ergamanirraa galiin Doolaarri miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 24 argamuu eeran.Bariisaa Hayilamaaramtu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.