Finfinnee, Adoolessa 20, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan damee Bunaan jijjiirama bu’uuraa galmeessite jedhan Ministirri Ministeerri Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen.Yaa’ii 2ffaa Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii cinaatti waltajjiin guddinaa fi jijjiirama Bunaarratti xiyyeeffate Abbaan Taayitaan Bunaa fi Shaayii qaamolee biroo waliin tumsaan qopheesse gaggeeffamaa jira.Wayituma kana Dooktar Girmaan Itiyoophiyaan waggoottan kurnan darban tarsiimoon Bunaa hojiirra oolchuu himuun, damichaan jijjiiramni bu’uuraa galmaa’uu eeran.Keessattuu waggoottan shanan darban tarsiimichi guddinaa fi jijjiirama bu’uuraa galmeessuu dubbatan.Bara kana Buna alatti ergameerra galiin Doolaarri biiliyoonni 2.6 argamuu himan.Sagantaan Ashaaraa magariisaa bu’aa qabeessummaa bunaaf gumaacha olaanaa taasisuu ibsa.Sammahaanyi Nigaatutu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.