Boru waloon taanee seenaa haa hojjennu -Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 23, 2017 (FMC) – Boru waloon taanee seenaa haa hojjennu jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.Itiyoophiyaan torbee kana boruu ishee qormaataaaf hin jilbiiffannee fi Ashaaraa Magariisaaf tattaaffii taasisuu irra deebiin ni kaati.Boru ganama sa’aatii 12:00 eegalee qaama sagantaa Ashaaraa Magariisaa kan ta’e guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miiliyoona 700 dhaabuuf kaayyoo dhaabuu keenyaa milkeessuuf haa kaanu jechuun dhaaman.Galma guddaadha, garuu cimina keenya, tokkummaa fi murannoo ummataaf qabnu agarsiisa jedhan.Kun biqiltuu dhaabuu oli, guddaa xiqqaa, magaalaa Baadiyyaa osoo hin jedhin, lammiileen hundi naannawaan keenya akka dandamatu, maddi bishaanii akka dabalu, jireenyi keenya akka fooyya’u, akkasumas dhaloota boruu waaressuuf kan itti hirmaannuudha.Hundi keessan hojii jabaa kanarratti akka hirmaattanii fi qindeessitan waamicha koon dhiyeessa jedhan.Waloon ta’uun mukeen cimaa qofa osoo hin taane Itiyoophiyaa magariisaa fi caalmaatti cimtuu taate ijaaruuf haa kaanu jechuun ibsan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.