Finfinnnee, Adoolessa 23, 2017 (FMC) – Inisheetiiviin Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa kalaqa diinagdee fi hirmaannaa idil addunyaaf humna ta’a jedhe Paartiin Badhaadhinaa.Paartichi sagantaa Ashaaraa magariisaa ‘dhaabuun bayyanachuu’ jedhuun guyyaa tokkoon biqilaa miiliyoona 700 dhaabuu guyyaa boruu gaggeeffamu ilaalchisee ibsa kenneera.Saganticha milkeessuuf qophiin xumuramuu himeera.Adoolessa 24,2017 guyyaa boruu beellamni qabamuu eeruun, hirmaachuun qaama seenaa kanaa haa taanu jedhuun waamicha dhiyeessera.Sagantaan ashaaraa magariisaa biqiltuu qopheessuu, Misooma Bosonaa, lafa uwwisuu fi ikkoo turizimiin lammiilee hedduuf carraa hojii uumuu himeera.Inisheetiivichi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa qabaachuu eeruun, biqilaawwan sagantichaan dhaabbatan nyaataaf oolaa akka jiran ibse.Sagantaan Ashaaraa Magariisaa manneen barnootaa keessatti meeshaalee barnootaa, ijoo ogaartii fi miidiyaa, akkasumas dhimma marii hawaasaa ta’uu hime.Sagantichi yeroo ammaa eenyummaa Itiyoophiyaanootaa ta’eera jedhe.Inisheetiiviin ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa dhaaburra darbuun dhimmoota hawaasummaaf, kalaqa diinagdee fi humna hirmaannaa idil addunyaa ta’uu ibsi Paartichi.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.