Aadde Adaanech Piroojektoota garaagaraa eebbisan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 25, 2017 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen piroojektoota adda addaa eebbisuun tajaajilaaf bananiiru.Piroojektoota kanneen akka Giddugala Gabaa, Bakka dhaabbii Konkolaattootaa ammayyaa fi Teerminaaloota kan of keessatti qabate eebbisaniiru.Aadde Adaanech saganticharratti haasawaa taasisaniin, hambaalee naannawaa turanitti eegamuun hojiin tajaajila ammayyaa fi mijataa ta’ee akka kennan xiyyeeffannoon kennamuufi dubbataniiru.Piroojektoonni qaama misooma koriidarii ta’an kunneen gaaffii hawaasaa deebisuu irra darbe fayyadamummaa diinagdee kan mirkaneessidha jedhan.Piroojektonni kunneen lafa gaditti kan ijaaraman yoo ta’u manneen kennaa fi Uffataa 102, kaaffeewwan, Bakkewwan dubbisaa, Suqiiwwan guguddoo, bakka dhaabbii konkolaattootaa altokkoon konkolaattoota 100 dhaabsisuu danda’amnii fi Pilaazaa altokoon hanga namoota kuma 5tti keessummeessu danda’u kan of keessatti qabateedha.Beetaliheem Makuwaaniintitu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok: https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.