Itiyoophiyaan yaa’ichaan bu’aa sirna nyaataan galmeessite addunyaaf agarsiifte – Dooktar Girmaa Amantee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 21, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan yaa’ii 2ffaa Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii irratti bu’aa sirna nyaataan galmeessite addunyaaf agarsiifte jedhan Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen.Dooktar Girmaan yaa’icha ilaalchisee Barreessituu Itti Aantuu olaantuu Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad waliin ibsa kennaniiru.Hoggantoonni biyyoota garaagaraa fi qooda fudhattoonni yaa’icharratti argamuun sirna nyaataa mirkaneessuuf murannoo qaban mul’isaniiru jedhan Dooktar Girmaan.Yaa’ichi sirna nyaataa bu’aa qabeessa taasiisuuf sirni faayinaansii akka jiraatu qooda olaanaa qabaachuu eeran.Birmadummaa nyaataa mirkaneessuun salphaa waan hin taaneef galmicha milkeessuuf qooda fudhattoonni qindoominaan hojjechuu akka qaban waltajjicharratti ka’uu himan.Itiyoophiyaan hojmaata ifa ta’e diriirsuun gara hojiitti galuu isheen bu’aan galmeessite dinqisiifannaa argachuu kaasan.Tattaaffiin sirna Nyaataa mirkaneessuu caalmaatti cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessan Dooktar Girmaan.Itiyoophiyaan yaa’ii jalqabaa gaggeeffamerratti waadaa galte haalli itti hojiirra oolchite kan dinqisiifamu ta’uu Barreessituu Itti Aantuun Olaantuun Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad dubbataniiru.Kunis mootummaan Itiyoophiyaa sirna nyaataa mirkaneessuuf murannoo qabu kan agarsiisu akka ta’e kaasan.Haalli qabatamaan yeroo ammaa jiru addunyaa yeroo gabaabaatti beelarraa bilisa gochuuf rakkisaa ta’us saffisni Itiyoophiyaan itti deemte biyyoota addunyaaf fakkeenya gaarii ta’uu eeran.Biyyoonni hedduun sirna nyaataa isaanii yoo fooyyessan galmi qabame milkaa’uu akka danda’u hubachiisan.Masaafinti Birilleetu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.