Finfinnnee, Adoolessa 23, 2017 (FMC) -Waajjiraaleen Godina Jimmaa fi Arsii duula dhaabbii guyyaa tokkoo boru gaggeeffamu milkeessuuf qophiin xumurame jedhan.Godina Jimmaatti Adoolessa 24 guyyaa tokkotti biqiltuuwwan gosa gara garaa miiliyoona 35 ol dhaabuuf karoorfame milkeessuuf qophiin xumurame jedhe Waajjirri Qonnaa godinichaa.Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Jimmaa obbo Tijaani Tamam akka ibsanitti, sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa lafa hektaara kuma 14 fi 399 uwwisuuf karoorfame.Sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa boru sa’aatii 12:00 irraa eegalee gaggeeffamuun karoora ashaaraa magariisaa qabame milkeessuuf qophiin xumuramuu dubbatan.Akkasuma Godina Arsiittis Adoolessa 24 guyyaa tokkotti biqiltuuwwan gosa gara garaa miiliyoona 60 ol dhaabuuf karoorfame jedhe Waajjirri Qonnaa godinichaa.Itti Aanaa ittigaafatamaa Waajjira Qonnaa Godina Arsii obbo Ibraahim Qaasoo Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiinif akka ibsanitti, sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaatiif iddoo dhaabbii 265 filatame lafa hektaara kuma 34 fi 800 irratti dhaabuuf karoorfame hojjetame jedhan.Guyyaa kanatti hawaasni Godinichas miiliyoona 1.5 sagantaa kanarrattis akaa hirmaatu himaniiru.Hawaasni godinichaa hundi hojii ashaaraa magariisaa bara kanaa keessatti qooda fudhachuun seenaa galmeessuu akka qaban dhaamaniiru.Abdellaa Amaanii fi Tasfaahun Kabbadaatu gabaase#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.