Finfinnee, Adoolessa 21, 2017 (FMC) – Godambaan Saayinsii Itiyoophiyaa Afrikaan guddina saayinsii fi teeknooloojiin daandii mataa ishee bocuun abdiin kan itti argamaa jiru ta’uu isaaf agarsiistuu tokkoo dha jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa.Obbo Tamasgeen ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanirratti dabarsaniin akka jedhanitti, Ministira Muummee Itti Aanaa Kuubaa Joorji Luwiis Taapiyaa Foonsekaa waliin godambaa Saayinsii daawwataniiru.Godambaan Saayinsii Itiyoophiyaa seenessa duubatti hafummaa Afrikaa kan jijjiiru ta’uu ibsanii, godambaan kun Afrikaan sadarkaa guddina teeknooloojii addunyaan irra ga’e daandii mataa isheen bocuun abdii kan itti argame ta’uu isaaf agarsiistuu tokko ta’uu dubbataniiru. Ministirri Muummee Itti Aanaan Kuubaa Joorji Luwiis godambichi oladeemtoonni Ityoophiyaa abjuu kalaqaa isaanii dhugoomsuudhaaf haala mijataa kan uumuu ta’uu ibsaniiru.Mul’ata Itiyoophiyaan gama saayinsii fi teeknooloojiin irra geessee fi egeree galmaan ga’uuf kaayyeffatte kan calaqqisiisu ta’uu eeraniiru.Ityoophiyaa fi Kuubaan dhimmoota damee teeknooloojii fayyadamummaa waliinii guddisan irratti tumsa isaanii cimsuuf waliigaluu isaaniis hubachiisaniiru