Finfinnee, Adoolessa 25, 2017 (FMC) – Daandiin baaburaa Itiyoo-Jibuutii mallattoo tumsa diinagdee Afrikaati jedhan Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen.Mariin paanaalii ‘Bu’uuraaleen misoomaa Baaburaa daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa naannawaaf “ jedhuun gaggeeffamaa jira.Maricharratti Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee, Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee, Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihraatuu, Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Waldaa Aksiyoona Daandii Baaburaa Itiyoo Jibuutii Injiinar Taakkalaa Uumaa, Bakka Butoonni Jibuutii fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.Waltajjicharartti Dooktar Alamuun haasawaa taasisaniin,Daandiin baaburaa Itiyoo-Jibuutii mallattoo tumsa diinagdee Afrikaati jedhan.Geejjiba Baaburaan Itiyoophiyaa biyyoota Gaanfa Afrikaa walin wailtti hidhamiinsa uumuuf hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen gamasaaniin,Buufanni fe’uumsaa Jibuutii dandeettii kan guddisuu fi naannawaa daldala bilisaa ni saffisisaas jedhan.Injiinar Taakkalaa Uumaan, akkaataa hojmaatichaa ammayyeessuun hojiilee hojjetamaniin faayidaan damicharraa argamu dabalaa dhufeera jedhan.Qiddisti Abaataatu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok:https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.