Itiyoophiyaan eegumsa naannoo keessatti gahee olaanaa bahachaa jirti- dippiloomaatota

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 24, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaan eegumsa naannoo keessatti gahee olaanaa bahachaa jirti jedhan dippiloomaatonniifi abbootiin qabeenyaa.Hoggantoonni Embaasii Chaayinaafi dhaabbilee alaa sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Furiitti gaggeeffamerratti hirmaataniiru.Saganticharratti kan hirmaatan Dippiloomaatii Olaanaan Embaasii Chaayinaa Liyuu Zhiyaawooguwaang, ashaaraan magariisaa tattaaffii waloo hawaasni idil-addunyaa jijjiirama qilleensaa qolachuuf taasisuuti jedhan.Chaayinaan qaama tumsa misooma magariisaa waan taateef gammachuu guddaatu itti dhagahamas jedhan.Hariiroo biyyoonni lameen damichaan qaban guddachaa dhufuus kaasaniiru.Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Saafaariikoom Itiyoophiyaa Wiim Vaanheelpuut gamasaaniin, ashaaraan magariisaa ittigaafatamummaa dhaabbileen mootummaa waliin ta’uun bahatan ta’uu ibsan.Hojii Gaggeessaa Olaanaan Dhaabbata Piroofaayiliingiifi Ijaarsaa Itiyoophiyaa Maahiidii Zeemuuchiin, sagantaa ashaaraa magariisaa irratti hirmaachuu isaaniitti kabajni itti dhagahamuu eeruun, waamicha mootummaan taasise dinqisiifachuu TOI gabaaseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FBC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.