Finfinnee, Adoolessa 21, 2017(FMC) – Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahmuud Alii Yuusuuf preezdaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad waliin mari’atan.Maree isaaniin Dura taa’aan kun Gamtichi daandii imala nagaa Somaaliyaa deeggaruuf kutannoo qabaachuu isaa irra deebi’anii mirkaneessaniiru.Preezdaanti Hasan Sheek Mohaammad gama isaaniitiin simannaa ho’aa isaaniif godhamee fi deeggarsa Gamtichaa itti fufiinsa qabuuf dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.Yaa’ii sirna nyaataa Itiyoophiyaan Xaaliyaanii fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin ta’uun qopheessite 2ffaarratti kan hirmaatan Pireezidaantiin Somaaliyaa, wabii nyaataa mirkaneessuuf addunyaan waliin dhaabbachuun yeroon isaa amma jedhan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FBC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.