Finfinnee, Adoolessa 25, 2017 (FMC)- Hojii riiformii Biiroo Horataalee Mootummaa keessatti raawwatameen jijjiiramni abdachisoon galmaa’aniiru jedhan Itti aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin.Gamaggamni raawwii hojii waggaa dhaabbilee misoomaa ‘Oromia Sovereign Fund’ jala jiranii bakka Itti Aanaan Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii argamanitti gaggeeffameera.Mootummaan Naannichaa galmoota guguddoo dorgomummaa fi bu’a qabeessummaa dhaabbiilee milkeessuuf, rifoormii gaggeesseen Biiroon Horataalee Mootummaarratti jijjiiramni mul’achuu ibsaniiru.Haaluma kanaan bu’a qabeessummaan dhaabbilee kanneenii daran dabalaa jiraachuu ibsuun, bara 2017’tti bu’aa Birrii biiliyoona 9 fi miiliyoona 600 galmeessaniiru.Riiformii Mootummaan Naannoo Oromiyaa gaggeessaa jiruun ce’uumsi dhaabbilee mootummaa gara dhaabbilee daldalaa dorgomaa fi bu’a qabeessaatti jijjiiraa akka jiru kan eeran Obbo Awwaluun, dhaabbileen misoomaa marti bu’uura karoora tarsiima’aa qophaa’een karoora mataa isaanii baafachuun hojiitti galaa jirus jedhan.gabaasni raawwii OSF bu’aa qabeessa ta’uu ibsuun, bu’aa argame cimsanii, hanqinoota jiraniif furmaata kennuun bara itti aanu galmoota kaa’aman milkeessuun dhaabbilee misooma hundi sadarkaa olaanaatti ceesisuu barbaachisaa ta’uu obbo Awwaluun ibsuu Waajjirri Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.