Finfinnee, Mudde 25, 2018 (FMC) – Baankiin Awaash Godina Harargee Bahaa Aanaa Jaarsootti rakkoo bishaan dhugaatii jiraattota magaalaa Ejeersa Gooroo furuuf Birrii miiliyoona 30 oliin ijaarsa pirojektii bishaan dhugaatii eegalchiiseera.Baankichi Godina Harargee Bahaa magaalaa Ejeersa Goorootti damee isaa 1000ffaa hojii eegalchiiseera.Saganticharratti kan argaman Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Baankii Awaash obbo Tsahaay Shifarraa baankichi waggoottan 31 darbe keessatti hawaasaatti dhiyaatee hojjataa turuu yaadachiisaniiru.Baankichi bara kana gibira Birrii biiliyoona 10 ol kaffaluun diinagdee biyyaa keessatti qooda isaa bahachaa akka jirus ibsaniiru.Hawaasni aadaa qusannaa gabbifachuun liqii argatee jiruufi jireenya isaa akka jijjiiruuf hojjechaa jiraachuus kaasaniiru.Baankichi damee isaa 1000ffaa hojii eegalchiisuu sababeeffachuun godinicha Aanaa Jaarsootti rakkoo bishaan dhugaatii jiraattota magaalaa Ejeersa Gooroo furuuf Birrii miiliyoona 30 oliin ijaarsa pirojektii bishaan dhugaatii eegalchiiseera.Dabalataan baankichi Dijitaal Paarkii Jaarsootiif kompiitataroota deeggareera.Nageessoo Kadiirtu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.