Finfinnee, Mudde 26, 2018 (FMC) –Naannoo Somaaleetti lammiileen kumni 700 ol Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa fudhataniiru jedhan Pireezidaantii itti aanaan naannichaa obbo Ibraahiim Usmaan.Naannichatti Dorgommiin fiigicha kiiloomeetira 5 marsaa 2ffaa mata duree ‘’Faayidaan Itiyoophiyaaf ‘’ jedhuun gaggeeffameera.Obbo Ibraahiim wayita kanatti haasawaa taasisaniin, naannichatti lammiilee miiliyoona 3‘f waraqaa Eenyummeessa Biyyaalessaa waliin gahuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.Hanga ammaattis lammiileen kumni 700 waraqaa eenyummaa biyyaalessaa qabaachuu ibsaniiru.Lammiileen hin fudhanne akka fudhataniif waamicha dhiyeessaniiru.Qindeessaan Sagantaa Eenyummeessa Biyyaalessaa Yoodaahee Ar’aayasillaasee gamasaaniin, dorgommichi faayidaa Eenyummaa Biyyaalessaa beeksisuu fi bu’uureessuuf kan deeggarudha jedhan.Dorgommicharratti Hoggantoonni olaanoo Mootummaa, Atileetonni fi kutaaleen hawaasaa argamaniiru.Dorgommtoota sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa bahaniif Badhaasni kennameera.Tasfaayee Hayiluutu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.