Finfinnee, Mudde 25, 2018 (FMC) – Taphoota moo’anii darbuu Waancaa Afrikaa 35ffaan har’a taphoonni lama ni taphatamu.Galgala sa’aatii 1:00 eegalee Seeneegaal Sudaan waliin taphatti.Biyyoonni lamaan taphoota waltajjiiwwan adda addaarratti waliin taphatan 7 keessaa Seeneegaal yeroo 4 injifachuun olaantummaa qabdi.Taphoota 3 ammoo qabxii qooddataniiru.Sudaan seenaa keessaatti Seeneegaal injifattee hin beektu.Halkan sa’aatii 4:00 eegalee morkiin Maaliin Tuuniziyaa waliin taasiftu ni eegama.Biyyoonni lamaan taphoota waliin taphatan 9 keessaa Maaliin yeroo 3 yoo injifattu, Tuniiziyaan si’a 3 injifachuun, si’a 3 ammoo qabxii qooddataniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.