Finfinnee, Mudde 25, 2018 (FMC) – Qaama ce’umsa diinagdee Itiyoophiyaa kan ta’e hojiin misooma Indaastirii kalaqa saffisiisuun oomishtoota biyya keessaa cimsaa jira jedhe Waajjirri Ministira Muummee.Hojiin Indaastirii babal’isuu raawwatamaa jiru oomishaalee alaa galaa turan kan biyya keessan bakka buusuun hirkatummaa hir’isaa jiraachuu ibse.Sharafa alaa hambisuun cancala duudhaa biyya keessaa cimsaa jiraachuu kan hime waajjirich, Invastimantiin Paarkiiwwan Indaastirii keessatti guddachaa jiru, deeggarsi oomishtoota biyya keessaaf godhamu, akkasuma sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu oomishaalee kanneen beeksisuun damicha caalmaatti cimsuu ibse.Ogummaa hojii fi kalaqa guddisuun guddina diinagdee waaraan mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa bahachaa jiraachuu eere.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.