Godina Baaleetti hanqinni dhiyeessii Humna Elektirikaa barootaaf ture furame – Tajaajilicha

Wait 5 sec.

Finfinnee, Mudde 25, 2018 (FMC) – Godina Baaleetti hanqinni dhiyeessii Humna Elektirikaa magaalootaa fi aanaalee godichaa keessaa barootaaf ture furame jedhe Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa.Magaaloonnii fi aanaalee kana dura dabareen tajaajila Elektirikaa argachaa turan buufanni Raabsa Elektirikaa haaraan ijaaramuu hordofee hanqinni dhiyeessuu furamuu Tajaajila Elektirikii Itiyoophiyaatti Daayrekterri damee Baalee Roobee Mahaammad Huseen eeraniiru.Magaalaa Roobee dabalatee aanaalee godinichaa 8 bara 2016 eegalee dabareen Tajaajila Elektirikaa argachaa turuu eeran.Sababa kanaan hawaasni godinichaa komii olaanaa kaasaa akka turan dubbatan.Buufanni haaraan ijaarame Mudde 24, 2018 eegalee hojii jalqabuu isaan rakkoon ture furamuu tajaajilichi ibsa Faanaa Diijitaaliif ergeen himeera.Kanaanis Magaalaa Roobee, Aanaa Sinaanaa, Gooroo, Diinshoo, Agaarfaa, Gaasaraa, Gobbaa, Daawwee Qaacalii fi naannawwan isaanii fayyadamoo ta’uu eere.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.