Finfinnee, Mudde 25, 2018 (FMC)- Ijaarsi pirojektii daandii saffisaa Mi’eessoo- Dirre Dhawaa akkaataa karoorfameen akka xumuramuuf hojjechuun barbaachisaadha jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan.Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, bu’uuraaleen misoomaa daandii imala guddina diinagdee keenyaaf dhimma ijoodha jedhan.Guyyaa har’aa adeemsa hojii piroojektii Mi’eessoo- Dirre Dhawaa ilaalchisee hoggantoota hojii dhimmi isaa ilaallatu waliin mari’achuu ibsaniiru.Marii Kanaan adeemsa hojii qophii humna namaafi maashinarii akkasumas dhiyeessiin meeshaalee ijaarsaa biroo maal akka fakkaatu ilaalamuu eeraniiru.Dabalataanis qophii dirree fi mariiwwan hawaasa naannawaa waliin gaggeeffaman maal akka fakkaatan ilaalleera jedhan.Pirojeektiin daandii saffisaa Mi’eessoo- Dirre Dhawaa daandii konkolaattota fe’umsaa gurguddoof rakkisaa ture mijataa gochuun daldala al-ergiifi galchii kan saffisiisu, gahee walitti hidhamiinsa naannawaa keessatti qabnus kan guddisudha jedhan ergaa isaaniin.Pirojeektichi dorgomtummaa diinagdee keenyaa fi jireenya lammiilee fooyyessuuf qooda olaanaa waan bahatuuf akkaataa karoorfameen akka xumuramuuf hirmaannaa qindoomina qabu taasisuun barbaachisaadha jedhaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.