Finfinnee, Mudde 25, 2018 (FMC)- Hojiin qulqullina barnootaa fooyyessuuf dandeessisu hojjetamaa jira jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan.Yuunivarsiitii Madda Walaabuutti waltajjiin marii roodmaappiifi imala jijjiiramaa Yuunivarsiitichaa irratti xiyyeeffate gaggeeffameera.Piroofeesar Birhaanuu Naggaan wayita kana rakkoo qulqullina barnootaa mudate furuuf hojiileen hojjetaman bu’aa akka argamsisaniif qoodni ogeeyyiifi qaamolee qooda fudhattootaa olaanaadha jedhan.Damicha kufaatii keessaa baasuuf itti gaafatamummaa dhaloota har’aa waan ta’eef tattaaffiiwwan eegalaman akka milkaa’aniif hirmaannaan qaamolee qooda fudhattootaa cimuu akka qabus hubachiisaniiru.Keessumaa dhaabbileen barnootaa olaanoon damicha ceesisuun jijjiirama biyyaalessaa akka deeggaruuf riifoormiiwwan garagaraa hojiirra oolaa jiraachuu ibsaniiru.Hojiin ququllina barnootaa fooyyessuuf dandeessisu hojjetamaa jiraachuu kaasanii, bu’aan barbaadamu akka argamuuf hawaasni barnootaa imaanaa biyyaalessaa bahachuu akka qabu hubachiisaniiru.Ministirri Ministeera Innooveeshiniifi Teeknooloojii fi Walitti qabaan Boordii Yuunivarsiitichaa Dooktar Ballaxaa Mollaan gama isaaniin, Yuunivarsiitichi qabeenya uumamaafi iddoowwan gahumsa tuurizimii qorannoon deeggaruun faayidaa hawaasaaf akka oolaniif xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru ibsaniiru.Pirezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dooktar Birhaanamasqal Xannaa ammoo Yuunivarsiitichi ergama isaa bahachuuf qaamolee qooda fudhattootaa waliin hojjechaa jiraachuu ibsan.Yuunivarsiitichi rakkoolee waggoottan darban keessa mudatan adda baasuun yeroo itti aanutti hojii fooyyee qabu hojjechuuf roodmaappii qopheessee hojiirra oolchuus ibsuusaanii ENAn gabaaseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.