Finfinnee, Mudde 26, 2018 (FMC)- Tapha piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 20ffaan Maanchister Yunaayitid fi Liidsi Yunaayitid 1-1’n qixa ba’an. Maanchister Yunaayitidiif Maatiyaas Kunihaa yoo lakkoofsisu, Liidsi Yunaayitidiif ammoo Aroonsan galcheera.Taphni liigichaa itti fufuun galgala sa’aatii 12 irratti Niwuukaasil Yunaayitid Kiristaal Paalaas waliin, Tootanihaam Hootispar Sandarlaandi waliin, Fulhaam Liivarpuul waliin akkasumas Evertan Bireentifoordi waliin ni morkatu.Taphni eegamaan torban kanaa ammoo galgala sa’aatii 2:30 irratti Maanchistar Siitiin dirree isaa irratti Cheelsii kan keessummeessuu dha.#Oromia #Ethiopia