Dhukkubni daranyoo sombaa dhukkuba daddarbaa baakteeriyaan dhufuudha.Dhibeen kun irra caalaa sombaa namaa miidha.Mallattoolee dhibichaa :-✓ Qufaa torban lamaa ol namarra ture✓Ho’a qaamaa✓ Halkan halkan nama dafqisiisuu✓Ulfaatinni qaamaa hir’achuu✓ Miira dadhabbiifi fedhii nyaataa dhabuuKaraalee dhibichi namatti daddarbu:-✓ Yeroo namni dhukkubicha qabu qufa’uu karaa qilleensa nama biraatti daddarba.✓Aannaan beeyladaa osoo hin danfisin dhuguu fa’iini.Haa ta’uutii dhibeen kun:-✓Nagaa wal gaafachuun✓Uffata walii uffachuun✓Waliin nyaachuun hin daddarbu jedhame.✓Daa’imman waggaa 5 gadi✓Maanguddoonni waggaa 64 oli✓Namoonni HIV/AIDS waliin jiraatan✓Namoonni dhukkubsataa Tiibii waliin jiraatan caalmaatti dhibichaaf saaxilamoodha jedhe Biiroon Fayyaa Oromiyaa.Maloota Ittisaa:-✓Mallattoolee asiin olitti jedhame yoo ofirratti ykn maatii irratti mul’ate saffisaan mana yaalaa deemuu.✓Qoricha ogeeyyiin fayyaa nuuf ajajame guutumaan guututti fudhachuu✓Yeroo qufaanu ciqilee keenyan Afaan cufachuu✓Yeroo qufaanu akkee bakkeetti tufuu dhiisuu✓Kutaa jiraannu keessa qilleensi gahaan akka galu taasisuu.✓Nyaata madaalamaa nyaachuu✓Tamboo xuuxuu fi alkoolii dhuguu dhiisuuMaatiin dhukkubsataa maal gochuu qaba?✓Qoricha akka adda hin kutne hordofuu✓Nama mallattoo asii olii kana qaban qorachiisuu✓Manni jireenyaa keenya qilleensa gahaa akka qabaatu taasisuu.#Oromia #Ethiopia