Finfinnee, Mudde 26, 2018 (FMC) – Ministirri Ministeera Nageenyaa Mahaammad Idriis Filannoon ijaarsa biyyaa fi nageenya bu’uureessuuf waltajjii ijoo ta’uu isaan Paartileen Siyaasaa qophaa’uu qabu jedhan.Ministeerri Nageenyaa Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa waliin ta’uu waltajjii marii mata duree ‘’Sochii Siyaasaa nagaa Filannoo nagaaf ‘’ jedhuu gaggeesseera.Obbo Mahaammad Idriis wayita kana akka jedhanitti, filannoon bara kana gaggeeffamu bu’a qabeessa ta’ee akka xumuramuuf Paartileen Siyaasaa gahee isaanii bahachuu qabu .Filannoon biyyaa fi ummata ofii jalachuun kan itti mul’atu ta’uu eeruun, Paartileen siyaasaa miira kanaan qophii ta’uu akka qaban hubachiisaniiru.Aangoo humnaan barri qabataan darbuu kan eeran obbo Mahaammad, paartilee siyaasaa fi ummata giddu waltajjii waliigaltee uumuu akka ta’e kaasaniiru.Filannoon guddinaa fi qaroomina biyya tokkoof agarsiiftuudha kan jedhan Ministririchi biyya dhalootaaf darbu ijaaruun barbaachiisaa ta’uu eeraniiru.Walitti Qabaan Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Salamoon Ayyalaa gamasaaniin, Sochiin paartilee Siyaasaa haala jijjiirama addunyaa yeroo ammaa hubachuun ta’uu akka qabu dubbataniiru.Paartileen Siyaasaa Filannoon Biyyaalessaa bara kanaa kara milkaa’ina qabuun akka xumuramuuf gahee qabaachuu hubachuun socho’uu qabu jedghan.Gahee isaanii sirnaan bahuun haala siyaasaa nagaa fi dimokiraatawaan keessatti dagaage babal’isuun ni danda’ama jedhaniiru.Yismaawu Adaarawutu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.