Finfinnee, Mudde 26, 2018 (FMC)- Tapha Waancaa Afrikaa 35ffaa Moorookootti geggeeffamaa jiruun har’a taphoonni mo’anii darbuu lama ni taphatamu.Galgala sa’aatii 1 irratti Moorookoo fi Taanzaaniyaan kan taphatan tapha eegamuu dha. Moorookoon taphoota ramaddi isheen taphatte sadii mo’achuun tokkoon qixa baatee qabxii 7’n ramaddii ishee dursaa gara mo’anii darbuutti ce’uun ishee ni yaadatama.Taanzaaniyaan ammoo 3ttaa ba’uun gara mo’anii darbuutti kan makamte.Halkan sa’atii 4 irratti ammoo Afrikaa Kibbaa fi Kaameruun ni taphatu.Afrikaan Kibbaa taphoota ramaddii isheen taphatte lama mo’achuun tokkoon injifatamtee gara mi’anii darbuutti ceeteetti.Kaameruun ammoo qabxiilee 7 walitti gabachuun ramaddii ishee keessaa sadarkaa 2ffaa qabattee gara mo’anii darbuutti makamte,Taphoota mo’anii darbuu kaleessa galgala taphatamaniin Senegaalii fi Maaliin morkattoota isaanii injifachuun gara xumura nuusaatti makamuun isaanii ni yaadatama.#Oromia #Ethiopia፡