Eenyummeessan Diijitaalaa warraksa teeknooloojii hariiroo diinagdee fi hawaasummaa addunyaa si’anaa jijjiireedha – TKM

Wait 5 sec.

Finfinnee, Mudde 25, 2018 (FMC) – Eenyummeessan Diijitaalaa warraksa teeknooloojii hariiroo diinagdee fi hawaasummaa addunyaa si’anaa jijjiireedha jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.Qorannoon akka agarsiisuutti eenyummeessan Diijitaalaa hojiirra ooluun guddina diingadee biyyaaf gumacha olaanaa qaba.Lammiileen hundi tajaajila hawaasummaa qixa akka argatan taasisuurra darbee ragaalee baayoomeetiriikii fayyadamuun odeeffannoo sobaa fi waliindhihiinsa hambisuun nageenya biyyaa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa qaba jedhe.Faddaaltoota mootummaa fi lammiilee gidduu jiran maksuun tajaajila si’ataa fi quqlulluu ta’e kennuu keessatti gahee guddaa qabaachuu ibse.Kenniinsa tajaajilaa fooyyessuun Itiyoophiyaan sadakaa addunyaatti diinagdee diijitaalaa dorgomaa ta’e akka ijaartu kan gargaaru ta’uu hime.Tajaajila booddetti hafaa hambisuun teeknooloojii, diinagdee fi dameewwan hawaasummaan walitti qindeessuun Itiyoophiyaan 2030tti galma badhaadhinaa gahuuf karoorfatte akka milkeessitu gargaara jedhe.Imala seena qabeessa kana keessatti lammiin kamiyyuu eenyummeessaa dijitaalaa qabachuun milkaa’ina jijjiirama dijitaalaa biyyattii fi guddina ammayyummaaf gumaacha gochuun gahee bu’uuraa taphachuu qaba jedhuun dhaameera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.