Finfinnee, Mudde 25, 2018 (FMC) – Hawaasni filmaatawwan diijitaalaa fayyadamuun bittaafi gurgurtaa raawwachuu qaba jedhe Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsi Naannawaa.Ministira Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahuun Gofee dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa Magaalaa Finfinneetti adeemsa bittaafi gurgurtaa giddugalawwan gabaa Sanbataafi Dilbataa daawwataniiru.Dooktar Kaasaahuun Gofeen wayita kana hawaasni waqtii ayyaanaa odeeffannoo sirrii irratti hundaa’uun filmaatawwan giddugalawwan gabaa dhiyeenya isaatti argamu fayyadamuun bittaafi gurgurtaa raawwachuu danda’a jedhan.Filmaatawwan diijitaalaa fayyadamuun bittaafi gurgurtaa raawwachuu akka danda’uuf haalli mijataan waan uumameef hawaasni bittaafi gurgurtaa diijitaalaa akka fayyadamu hubachiisaniiru.Giddugalawwan gabaa kunneen shaqaxaaleen bu’uuraafi beelladoonni gatii madaalawaan hawaasaaf akka dhiyaatan taasisuu keessattis qooda olaanaa bahachuu ibsaniiru.Bakkeewwan hundatti giddugalawwan gabaa Sanbataafi Dilbataa giddu seentummaa tokkoo malee oomishtootaafi shammattoota walitti fidan babal’isuun, ammayyeessuun fi dhiyeessiifi fedhii wal simsuun dhiibbaa jireenyaa uummataa salphisuuf qaamolee qooda fudhattootaa waliin qindoominaan hojjechuun itti fufas jedhaniiru.Yeshaambal Mihiratitu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.