Birmadummaa deeggarsa namoomaa keenya mirkaneessuuf hojjechaa jirra- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Mudde 25, 2018 (FMC)- Birmadummaa deeggarsa namoomaa keenya mirkaneessuuf hojjechaa jirra jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan.Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa Manni Maree Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa bifa haaraan caaseffame walga’ii isaa jalqabaa gaggeesseera jedhan.Dhaabbileen marii har’aarratti hirmaatan yaadama jijjiiramaa keessatti kan hammatamaniifi kutaalee hawaasaa garaagaraa bakka kan bu’an waan ta’eef hojiilee waloon hojjennu dabalataan tattaaffii deeggarsa namoomaa dandeettii ofiin guutuuf taasisnu keessatti qooda olaanaa qabu jedhaniiru.Manni Maree haaraan imaammata haaraa, labsiifi deebii yaaddoo balaa irratti hundaa’uun fi dandeettii uummataa qindeessuun hawaasa dandamatu ijaaruufi haala balaawwan uumamaafi namtolchee hir’isuun danda’amuun balaa ittisuuf kutannoon kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.Deeggarsa namoomaa dandeettii ofiin guutuuf dandeettii sirnaafi dhaabbattummaa cimsuun barbaachisaa akka ta’e walga’ichaan waliigaleerra jedhan.Roodmaappii bara 2016 bocameen kadhaafi gargaaramtummaa oomishtummaan bakka buusuuf tattaaffii guddaan taasifamaa jiraachuufi bu’aan galmaa’aa jiraachuu eeraniiru.Fandii deebii yaaddoo soda balaa amansiisaa ijaaruu, kuufama ofeeggannoo federaalaafi naannoleetti gurmneessuufi lammiilee buqqa’an waaraan dhaabuun gara oomishtummaatti akka deebi’an gochuun galma ijoo mootummaati jedhan.Keessumaa duudhaalee waldeeggaruufi tumsuu hawaasaa guddisuun tattaaffiin gargaaramtummarraa gara oomishtummaatti taasifamuuf xiyyeeffannoo olaanaan kan kennamu ta’uus kaasaniiru.Rakkoolee imala birmadummaa deeggarsa namoomaa keenya mudatan beekumsaafi ogummaan cehuu gaafata kan jedhan Obbo Tamasgeen Xurunaan kanas ilaalama Ida’amuun fi hoggansa cimaan milkeessuuf waliigalteerra gahuu ibsan.Itiyoophiyaa birmadummaa deeggarsi namoomaa ishee mirkanaa’e dhugoomsuuf hawaasa hunda hirmaachisuun barbaachisaa akka ta’e Manni Marichaa kallattii kaa’eera jedhan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.