Ayyaana qillee sababeeffachuun akka magaalaa shaggaritti baazaarii fi Egzibiishiniin eegalame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Mudde 25, 2018 (FMC)- Magaalaa Shaggaritti ayyaana Qillee sababeeffachuun agarsiisni baazaarii fi Egzibiishiniin eegalameera.Baazaaricha Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Gofee fi Pirezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin eegalchiisaniiru.Baazaaricha Manni Maree Daldalaa fi Waldaalee seekteraa shaggar Waajjiraalee Daldalaa Magaalaa Shaggariifi kutaa Magaalaa kooyyee Faccee walin ta’uun qopheessan.Kaayyoon baazaarichaa uummanni oomishaalee ayyaanaaf barbaachisan karaa ga’aa fi madaalawaa ta’een naannoo isaatti argatee ayyanicha nagaan akka kabajatu gochuu akka ta’e ittigaafatamtuun waajjira Daldalaa kutaa magaalaa Kooyyee Faccee aadde Limaat Tasfaayee Faanaa Dijiitaalitti himaniiru.Itti gaafatamaan Waajjira Daldalaa Magaalaa Shaggar obbo Bariisoo Tamasgeen gama isaaniin, ayyaana kana sababeeffachuun agarsiisnii fi baazaariin akka magaalichaatti kutaalee magaalaa ja’a irratti kan eegalame yoo ta’u, bakkeewwan kaanitti ammoo karaa gabaa Sanbataatiin oomishaaleen barbaachisoo ta’an hawaasaaf dhiyaachaa jiru.Hojjetootni mootummaa ammoo karaa salphaa ta’een akka argataniif karaa mana hojii isaanii kan dhiyaatuuf ta’uu dubbatan.Ayyaanicha sababeeffachuun warreen gatii dabalan irrattis hojiin to’annoo fi hordoffii cimee itti fufuun kan himame yoo ta’u, hawaasnis eeruu kennuun warreen seeraan ala gatii dabaluuf yaalan saaxiluu akka qabu dhaamaniiru.Baazaarii fi egzibiishinii kutaa magaalaa Kooyyee Faccee irratti qophaa’e keessaa shammattoonni dubbisne tokko tokkos hanqinni dhiyeessii akka hinjirree, gatiin oomishaalees madaalawaa ta’uu fi kan ayyaanota darbaniirra baay’ee gadi bu’aa ta’uu dubbataniiru.Yoonaataan Biraanuutiin.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.