Tajaajila fayyaa ammayyeessuuf dameen dhuunfaa mootummaa waliin hojjechuu qaba- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Mudde 25, 2018 (FMC)- Tajaajila fayyaa ammayyeessuuf dameen dhuunfaa mootummaa waliin tumsaan hojjechuu qaba jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.Aadde Adaanech Abeebeen Pilaazaa Fayyaa Haabaarii eebbisiisaniiru.Aadde Adaanech Abeebeen wayita kana galmi ijoon Pilaazaa Fayyaa Haabaarii sababa wal’aansaan imala gara biyya alaatti taasifamu hambisuu fi biyyoottan ollaarraa dhukkubsattoota hawwachuudha jedhan.Haaluma Kanaan baasii sharafa alaa hoggantoonni mootummaafi lammiileen biroon tajaajila wal’aansaa argachuuf gara biyya alaa deemuuf baasan hambisuu kan dandeessisu ta’uus eeran.Mootummaan damee fayyaaf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu kaasanii, lammiileen tajaajila fayyaa haalaan akka argataniif dameen dhuunfaa qooda olaanaa qabaachuu hubachiisan.Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa gamasaaniin, tajaajila fayyaa qulqulluu waliin gahuuf tajaajiloota diijitaalaa hojiirra oolchuun Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 dhugoomsuuf hojjetamaa jira jedhan.Dhaabbileen fayyaa akka kanaa sadarkaa isaanii eeggatan tajaajila kennuu eegaluun isaanii Itiyoophiyaa giddugala tuurizimii fayyaa gochuuf kan danda’an ta’uu ibsaniiru.Natsaannat Tsaggaayitu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.