Finfinnee, Adoolessa 17, 2017 (FMC) – Xiyyaarri Raashiyaa imaltoota 49 fe’ee imalaa ture Kutaa Baha Raashiyaa bulchiinsa Amuuritti Raadaariin ala ta’uun dhagahame.Xiyyaarri achi buuteen isaa dhabame kun daa’immaan 5 dabalatee imaltoota 43 fi hojjettoota balallii 6 fe’ee imalaa turuu Bulchaan Amuur Vaaslii Oorloov himaniiru.Xiyyaarri Antoonoov AN – 24 jedhamu kun Bulchiinsa Amuuri ka’uun karaa Bilaagoovishicheesikiin gara Tiiyindaatti imalaa turuu BBCn gabaaseera.Yeroo ammaa lubbuu baraartoonni xiyyaaricha barbaadaa jiraachuu himame.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.