Godina Wallagga Bahaatti lafa heektaara kuma 700 fi kuma 32 ol irratti midhaan faca’e

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 17, 2017(FMC)- Godina Wallagga Bahaatti qonna gannaan hanga ammaatti lafa heektaara kuma 700 fi kuma 32 ol irratti sanyiin faca’eera jedhe Waajjirri Qonnaa Godiinichaa.Godinichatti hojiin qonna gannaa bara kanaa haala gaariirratti kan argamu ta’uu Bakka Bu’aan Itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Indaashaaw Asfaaw Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.Qonna gannaaf lafti heektaarri kumni 700 fi kumni 93 fi 700 ol qotamuun hanga ammaatti lafa heektaara kuma 700 fi kuma 32 fi 500 ol irra sanyiin faca’uu eeran.Oomishaafi oomishtummaa guddisuuf xaa’oo godinichaaf dhiyaate kuntaala kuma 400 fi kuma 79 fi 108 keessaa kuntaalli kumni 400 fi kumni 10 fi 800 ol qonnaan bultootaaf raabsameera jedhan.Sanyii filatamaa kuntaala kuma 24 fi 300 ol dhiyeessuuf karoorfamee kuntaalli kumni 23 fi 800 ol dhiyaachuus ibsaniiru.Ayyaanaa Dheeressaan.Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.