Maallaqni Teelee Birriin daddabarfamu Birrii Tiriiliyoonni 4.9 ol gahe

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 17, 2017 (FMC) – Maallaqni Teelee Birriin daddabarfamu Birrii Tiriiliyoonni 4.9 ol gahe jedhan Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Itiyoo Teeleekoomii Fireehiwaat Taammiruun.Fireehiwaat Taammiruun raawwii hojii bara 2017 ilaalchisee ibsa kennaniiru.Itiyoo Teeleekoomiin Diijitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuun gidduna biyyattii mirkaneessuuf hojiilee hedduu hojjechuu dubbatan.Buufataaleen Moobaayilaa haaraan kumni 1 fi 683 banamuun tajaajila Neetworkii si’ataa fi saffisaa taasiisuun danda’amuu himan.Bara baajataa xumurame keessa magaaloota 512 fayyadamtoota tajaajila dhaloota 4ffaa fi magaaloota 16 ammoo fayyadamtoota Tajaajila dhaloota 5ffaa taasiisuun danda’amu kaasan Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Itiyoo Teeleekoomii Fireehiwaat Taammiruun.Faayinaansii Diijitaalaa cimsuu fi waliin gahuuf hojii bu’aa qabeessi hojjetamuu dubbatan.Waggoottan shan keessatti lammiileen miiliyoonni 5.9 tajaajila Interneetii argachuu eeran.Yeroo ammaa maamiltoonni Teelee Birrii miiliyoona 54.8 gahuu kaasan.Bara baajataa 2017 keessa Jijjiirraan Maallaqa Birrii Tiriiliyoona 2.3 Teelee Birriin raawwatamuu dubbachuun, Maallaqan Teelee Birrii daddabarfamu Birrii Tiriiliyoonni 4.9 gahuu himan.Tajaajiloonni fi Oomishaaleen 365 maamiltootaaf dhiyaataniiru jedhan Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Itiyoo Teeleekoomii Fireehiwaat Taammiruun.Yaaliin Saayibarii kumni 400 fi kumni 62 taasifamus hundi isaanii qolatamuu eeran.Malaakuu gaddiftu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.