Itiyoo Teeleekoomiin maamiltootaaf kennaa galateeffannaa gumaache

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 17, 2017 (FMC) – Itiyoo Teeleekoomiin boruu eegalee kennaa galateeffannaa maamiltootaaf gumaache jedhe.Boruu eegalee guyyoota sadiif kan turu Tajaajila Interneetii GB 1, guyyaan daqiiqaa 5 fi ergaa barreeffama gabaabaa 8 maamiltootaaf kennaan gumaachuu hime.Akkasumas waamicha idil addunyaa daqiiqaa 10 kennaa galateeffannaa gumaachuu ibse.Kennaan kun ganama sa’aatii 12:00 hanga galgala sa’aatii 12:00tti tajaajila jedhame.Dhaabbatichi bara baajataa 2017 keessa galii Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 62 argachuu hordofee kennaa galataa kana gumaachuu hime.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.