Finfinnee, Adoolessa 17, 2017(FMC)- Balaa tiraafikaa Godina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbaa bakka Gaara Washaa jedhamutti mudateen lubbuun namoota 10 darbe.Konkolaataan Doolfiinii Godina Baalee Magaalaa Diinshoorraa imaltoota fe’ee gara Magaalaa Adaabbaa imalaa ture garagaluun lubbuun namoota 10 darbuu Ittigaafatamaan Nageenya Tiraafikaa Aanichaa Inispeektar Haashim Ilmii Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.Sababni balaa kanaas saffisarraan kan ka’e mariin ajajamuu diduun garagaluu eeran.Konkolaatichi namoota 16 fe’ee imalaa turuufi namoota 6 irra miidhaan cimaan gahuu ibsaniiru.Yoonaataan Birhaanuutiin.Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.