Hidhi Guddicha Haaroomsaa Ashaaraa Itiyoophiyaanotaati- Miseensoota Caffee Oromiyaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 15, 2017 (FMC)- Hidhi Guddicha Haaroomsaa Itiyoophiyaa Ashaaraa Itiyoophiyaanotaati jedhan Miseensoonni Caffee Oromiyaa.Hidhi Haaroomsaa tokkummaa fi humni Itiyoophiyaanotaa kan irratti mul’ateedha jedhan Miseensoonni Caffee Oromiyaa Faanaa Diijitaaliif yaada kennan.Miseensa Caffee Oromiyaa kan ta’an obbo Faxxanaa Waldasheet eebbifamuun hidha Giddichaa miira gammachuu olaanaa qabaachuu ibsuun, Itiyoophiyaanonni tokkummaa fi humna isaanii kan irratti mul’isanidhas jedhan.Itiyoophiyaanonni waloon ta’uun hojii seenaa biyyaattii jijjiire hojjetaniiru jedhan.Qabeenyi kuufamaa biyyaattiin qabdu kan hin tuqamne ta’uus kaasaniiru.Walitti hidhaamiinsa sabootaa fi sablammootaa biyyaattiillee kan cimse ta’uu dubbatan.Miseensi Caffee Oromiyaa Warqinaa Midhaksaan gamasaaniin, Miirri ummataa Oromoos ta’ee sabootaa fi sabalammoota biroo gammachuu olaanaa ta’uu dubbataniiru.Hidhicha kan ijaarees ummataa, kan bulchuus ummataa jedhan.Akka miseensa Caffeetti eebbifamuun hidhichaa miira olaanaa isaanitti kan uumu ta’uu eeraniiru.Bara hoggansi jijjiiramaa Itiyoophiyaa gama hundaan guddisuuf hojjetuutti hidhi kun eebbifamuun biyyaattiif darbes Afrikaanotaaf Abdii ta’uu himaniiru.Eeebbifamuun hidhichaa dubartootaaf faayidaa hundagaleessa qaba kan jedhan immoo Aadde Qorichoo Mulaatuuti.Dubartoonni hidhichaaf jalqabaa hanga dhumaatti hirmaannaa walirra hin cinne taasisaniiru jedhan.Haadholii dugdatti qoraan baatanii lagaa bishaan waraabaniif haaraa galfii ta’as jedhan.Hidhi Haaroomsaa piroojektii seenaa qabeessaa maqaa Itiyoophiyaa daran olkaasuudha jedhan.Hidhi Haaroomsaa Guddicha Itiyoophiyaa hirmaannaa uummattoota biyyattiin kan ijaaramedha kan jedhan immoo Aadde Arabee Nyaagguleeti.Hidhichi beekumsan hogganamuu isaan xumurameera jedhan.Aadde Abarruu Galaanaas sabni fi sablammiin Itiyoophiyaa abdii guddaa irraa qabaachuu ibsuun, fayyadamummaa dubartootaa caalmaatti kan guddisudha jedhan.Dubartoonni dhuunfaa fi waldaan boondii bitaa turuus yaadachiisaniiru.Hidhi Haaroomsaa Itiyoophiyaa misooma biyyaaf akka ooluuf Bitootessa 24 bara 2003 dhagaan bu’uraa kaa’amee.Injifannoo Bitootessa 24 bara 2010’n booda Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ijaarsa piroojektichaa bifa haaraan itti fufsiisan.Tibba Darbe Paarlaamaa irratti Hidhichi sadarkaa xumurarra waan gaheef Fulbaana dhufu eebbifama jechuun isaanii ni yaadatama.Tsahaay Gulummaatu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.