Sirrummaan raaga haala qilleensaa gara % 80tti ol guddate

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 16, 2017 (FMC) – Sirrummaan raaga haala qilleensaa gara % 80tti ol guddate jedhe Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa.Sirrummaan raaga haala qilleensaa yeroo gabaabaa, giddugaleessaa fi yeroo dheeraa dabalaa jira jedhan Itti Aanaan Daayreektera Olaanaa Inistiityuutichaa Dooktar Asaaminaw Tashoomaan Turtii Faanaa Poodkaasti waliin taasiisaniin.Sirrummaan Raaga haala qilleensaa waqtiilee yeroo dheeraa  gara % 78 guddachuu fi kan yeroo gabaabaa fi guyyaa ammoo gara % 80tti guddachuu ibsan.Akkaataa raaga haala qilleensaan Waqtiileen 3 jiraachuu ibsuun, Itiyoophiyaan Rooba % 85 ol kan argattu waktii gannaa ta’uu kaasan.Dhaabbatichi odeeffannoo haala qilleensaa waqtaawaa fi saffisaa hawaasan gahuuf giddugaloota naannolee 11 keessatti argaman fayyadamuun afaanoota hawaasni fayyadamuun odeeffannoowwan dhiyeessaa jiraachuu dubbatan.Buufataalee raaga haala qilleensaa kuma 1 fi 400 fi Buufataalee galmeessa odeeffannoo ammayyaa 310 irraa odeeffannoo funaannaman gara giddugalaa galuun xinxaalamuun hojiin of eeggannoo dursaa fi yaadni kan kennamu ta’uu kaasan.Tewodiroos Saahileetu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevision Feesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.