Finfinnee, Adoolessa 14, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee Itti Aanaan FDRI obbo Tamasgeen Xurunaan naannawaa Istaadiyeemii Idil Addunyaa Bahir Daaritti biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaaban.Guddattoota, dargaggootaa , hoggantootaa naannoo fi bulchiinsa magaalaa Bahiir Daar waliin ta’uun biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaabneerra jedhan fuula miidiyaa hawaasummaan isaaniin.Dhaabuun dandamachuurratti argamna jechuun ibsan.Ashaaraan magariisaa miidhagina dabalataan humna diinagdee akka ta’u karoorsinee hojiin eegalle bu’aa jajjabeessaa argamsiiseera jedhan.Magaalaan Bahiir Daar duras miidhagduu taatus caalmaatti hawwattuu gochuuf hojiin ashaaraa magariisaa murteessaa ta’uu kaasan.Sagantaa Ashaaraa magariisaa biyyaalessaa caalmaatti milkeessuuf tokkummaan haa hojjennu jedhuun dhaaman.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.