Instiitiyuutichi imala badhaadhinaa keenya gargaaraa jira – obbo Tamasgeen Xurunaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 16, 2017(FMC)- Inistiitiyuutiin Hoggansa Hojii Itiyoophiyaa tajaajilaa fi bulchiinsa mootummaa fooyyessuuf riifoormiiwwan eegalaman deggeruun ga’ee isaa ba’aachaa jira jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaan FDRI Tamasgeen Xirunah. Obbo Tamsgeen ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin akka ibsanitti har’a ijaarsa pirojeektotaa Instiitiyuutichaa, kutaalee leenjii fi sochiiwwan giddugalichaa daawwataniiru. Instiiriyuutichi baroota dheeraaf dandeettii hoggantootaa fi ogeeyyii dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa ijaaruu fi ga’oomsuun ga’ee isaa ba’ateeras jedhan. Hojii rifoormii tajaajilaa fi bulchiinsa mootummaa fooyyessuuf eegalames deggeruun ga’ee isaa ba’achaa kan jiru ta’uus dubbatan. Giddugaleessichi imala badhaadhinaa keenyaa wajjin kan deemu qofa osoo hintaane, jijjiiramaa fi dandeettii raawwii dhaabbatummaa damee dhuunfaa fi mootummaa cimsuuf fakkeenya jijjiiramaa ta’uu akka qabus hubachiisan.Kutaaleen leenjii, kutaaleen ciisichaa leenjistootaa fi bakkeewwan bashannanaa fedhii biyyaalessaa bu’uureffatan, leenjistoota biratti beekumsa, gammachuu fi xiiqii uuman akka ijaaraman kallattii kaa’uus ibsaniiru.Mootummaan federaalaas giddugalicha ammayyeessuuf deggersa barbaachisu akka kennu eeraniiru.  #Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevision Feesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.