Guyyoota itti aananitti bakkeewwan garaagaraa hanga roobaa giddugaleessaafi olaanaa ni argatu- Inistiitiyuuticha

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 15, 2017(FMC)- Inistiitiyuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa guyyoota itti aananitti bakkeewwan garaagaraa hanga roobaa giddugaleessaafi olaanaa ni argatu jedhe.Naannawaaleen Kibba Lixaa, Lixaa, Kaaba Lixaafi Giddugaleessaa guyyoottan kurnan itti aananitti hanga roobaa giddugaleessaafi olaanaa kanneen argatan ta’uu ibseera.Inistiitiyuutichi ibsa Faanaa Diijitaaliif ergeen, haalli roobaa kun hojii qonnaaf gahee olaanaa ni bahata jedhe.Naannawaaleen Kaaba Bahaa, Bahaafi Kibba biyyattii rooba salphaa hanga giddugaleessaa kanneen argatan ta’uus ibseera.Yaa’awwan hedduurratti hangi yaa’iinsa bishaan lafa jalaa giddugaleessaa hanga olaanaa akka jiraatus raageera.Roobni cimaan irra deddeebiin waan roobuuf naannawaa yaa’awwan lolaaf saaxilamoo ta’anitti lolaan tasaa akka jiraatus akeekkachiiseera.Kutaaleen hawaasaa naannawaa qarqara lageeniifi lafa caffaa’aa jiraatan of-eeggannoo akka taasisan hubachiiseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.