Daandiin qilleensichaa Piroojektoota Doolaara miiliyoona 100 fi miiliyoona 50’n ijaarsise eebbisiise

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 15, 2017(FMC)- Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Piroojektoota Doolaara miiliyoona 100 fi miiliyoona 50’n ijaarsise eebbisiise.Daandiin qilleensichaa kutaalee suphaa xiyyaaraa, maashina xiyyaara halluu dibuufi man-kuusaa tuttuqqaa namaarraa bilisa ta’e eebbisiise.Sagantaa kanarratti Ajajaa Olaanaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaafi Walitti Qabaa Boordii Daandii Qilleensichaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa, Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Daandii Qilleensichaa Masfin Xaasawufi keessummoonni biroon argamaniiru.Piroojektoonni kunneen dorgomtummaa daandii qilleensichaa kan guddisan ta’uu Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsaniiru.Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensichaa Masfin Xaasawu gamasaaniin, bu’uuraaleen misoomaa kunneen sadarkaa teeknooloojiin ammayyaa irra gahe kan hammatanidha jedhan.Guddina ariifataa daandii qilleensichaa kan deeggaraniifi galii dabalataa sassaabuuf kan dandeessisan ta’uus ibsaniiru.Efreem Mitikkuutu Gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.