Finfinnee, Adoolessa 16, 2017 (FMC) – Poolisiin Federaalaa Nageenya waaressuuf injifannoowwan gaarii galmeesse jedhan Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel. Poolisiin Federaalaa karoora hojii bara 2018 fi raawwii karoora Tarsiimoo waggoota 5 irratti marii gaggeessaa jira.Dhaabbatichi bara baajataa darbe keessa nageenyaa waaressuuf hojiilee bu’aa qabeessa raawwachuu ibsan Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel.Karoorri Tarsiimowaa waggoota 5 milkaa’aa ta’uu kaasan.Waggoottan shanan itti aananis caalmaatti bu’aa qabeessa taasiisuuf xiyyeeffannoon hojjetama jedhan.Itiyoophiyaan bara baajataa 2017 keessa dameewwan Diinagdee, Siyaasaa, Dippiloomaasii, Nageenyaa, Diijitaalaa fi kanneen biroon bu’aa gaarii galmeessuu kaasan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.