Galmi barkumee bifa haaraan ijaaramuufi

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 16, 2017 (FMC) – Galmi Barkumee bifa misoomaa naannawichatti gaggeeffamu waliin haala walmadaaleen bifa ammayyaa’een ijaaramuufi.Daayrektarri Piroomooshinii fi Koorporeet Kominikeeshinii Garee Meedrook Hunnaachoo Taayyeen ibsa kennaniin, Paarkii Addis (Galma Miliniyemii) Waxabajjii 20, 2017 balaan ibiddaa mudatee akka ture beeksisan.Barkumeerraa eegalee sagantaalee hedduu keessummeessaa turuu yaadachiisanii, galmicha haalaa naannawichaa madaaluun bifa haaraafi ammayyaa’een ijaaramuufi jedhan.Baatii Muddee 2018 irraa eegalees ijaarsisaa akka eegalu ibsan.Rakkoon Galmicha mudatee ture furamuun tajaajila idileetti deebi’uu eeruun, hanga ijaarsi isaa eegaluttis tajaajilli idilee galmichatti kennamu akka itti fufu dubbatan.Masaafinti Birilleetu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.