Finfinnee, Adoolessa 16, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan qormaatilee mudatan carraatti jijjiiruun sirna nyaataa waaraa ijaaruuf hojjechaa jirti.Ministeerri Pilaanii fi Misoomaa Gamtaa Birmadummaa Nyaataa Afrikaa waliin ta’uun Yaa’ii Sheefota Afrikaa fi waltajjii Imaammata Sirna Nyaataa Finfinneetti gaggeessuu eegalaniiru.Ogeeyyiin nyaataa, oomishtoonni nyaataa, Imaammata Baaftoonni, hoggantoonni mootummaa fi tumsitoonni misoomaa biyyoota Afrikaa adda addaarraa dhufan yaa’icharratti hirmaachaa jiru.Yaa’ichi sirna nyaataa, qonnaa fi sona qonnaa, ce’umsa imaammataa fi haala birmadummaan nyaataa eeguun danda’amurratti mari’ata jedhame.Itiyoophiyaan damee Qonnaan dandeettii kuufamaa qabaachuu Bakka Buutuun Ministeera Pilaanii fi Misoomaa aadde Haannaa Abbabbaan ibsaniiru.Hammi hoo’aa dabaluun, haalli Roobaa dhaabbataa ta’uu dhabuun, ciramni bosonaa fi jijjiiramni qabeenya qilleensaa sirna nyaataa Afrikaatti gufuu olaanaa ta’uu himan.Itiyoophiyaan qormaatilee kanneen carraatti jijjiiruun sirna nyaataa waaraa ijaaruuf hojjetaa akka jirtu dubbatan.Daayrekterri Lubbu qabeeyyii heddummitaa Afrikaa fi Miseensi Boordii Gamtaa Birmadummaa Nyaataa Afrikaa Dooktar Faasiil Gabayehu gama isaaniin tumsa Sheefota Afrikaa cimsuuf hojjetamaa akka jirui kaasan.Soosinnaa Alamaayehutu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.