Finfinnee, Adoolessa 17, 2017(FMC)- Ayyaanni Waggaa Qullubbii Gabre’elii milkaa’inaan akka kabajamuuf qophiin gahaan taasifameera jedhe Koomaandi Poostiin Nageenyaa Ayyaanichaa.Ayyaanni kun karaa milkaa’ina qabuun akka kabajamuuf qaamolee nageenyaa garaagaraa waliin hojjetamaa turuu Ajajaan Poolisii Godina Harargee Bahaafi Walitti qabaan Koomaandichaa Gargaaraan Koomishinaraa Naasir Mahaammad Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti himaniiru.Kutaalee hawaasaa naannawichaa waliin haala ayyaanichi milkaa’inaan kabajamuu danda’urrattis mari’atamuu kaasanii, gama hojii tiraafikaanis hojiileen qophiin duraa xumuramaniiru jedhan.Keessummoonni ayyaanicha kabajuuf bakkeewwan garaagaraarraa dhufan seera tiraafikaa kabajuun konkolaachisuu akka qabanis hubachiisaniiru.Hawaasnis wayita wantoota shakkisiisoo ta’an argu qaamolee nageenyaatti beeksisuun milkaa’ina ayyaanichaaf gaheesaa akka bahatu gaafataniiru.Tasfaayee Hayiluutu Gabaase.Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.