Finfinnee, Qaammee 5, 2017(FMC) – Qaammee 3-5, 2017 Finfinneetti gaggeeffamaa kan ture Yaa’iin Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Afrikaa 2ffaan xumurameera.Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen sagantaa xumuraa yaa’ichaarratti akka jedhanitti, yaa’ichi dhimma jijjiirama qabeenya qilleensaa irratti mari’achuurra darbee egeree waloo kan murteesse ture.Afrikaan harka deeggarsa biyyoota biroo kan eegdu osoo hin taane qaama furmaataa ta’uus dubbataniiru.Ardittiin kuufama humna magariisaa qabdu eeguu akka qabdus hubachiisaniiru.Kanaaf ammoo bosona misoomsuu fi maddeen lageenii keenya irra deebiin akka dandamatan gochuu fi cirama bosonaa eeguu qabna jedhan.Afrikaanonni egeree isaanii ijaaruu akka qaban eeruun, Hidha Haaromsaa qabeenyaafi beekumsa lammiilee biyyattiin ijaarame akka fakkeenyaatti kaasaniiru.Yismaawu Adaraawutu Gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.